Arsenal 3-1 Leester Siitii: Ciminni Ozil agarsiise hedduu hawwataa ture

Madda suuraa, Empics
- Barreessaa, Saj Chowdhury
- Gahee, BBC Sport
- Maxxanfame
Mesuut Ozil Piriimer Liigii keesatti tibba kana taphataa sarara gidduu irratti hunda caalaa cimina agarsiisan keessaa adda duraa ta'aa jira. Tapha kaleessaa galgalaa Arsenaal Leesteriin 3fi1 mo'ate keessatti Ozil qeellisummaan garee kana dursuu qofaa osoo hin taane goolii lakkoofsisuufi kan gooliitti jijjiirame miidhagsee kennuunis taphichi haalaan hawwataa akka ta'ullee taasiseera.
Walakkaa duraa hanga daqiiqaa 30 Arsenaal taphaan caalamuu qofa osoo hin taane Leesteriin 1fi 0 durfamaa turan. Daqiiqaa dhumaa walakkaa dhumaarratti garuu Ozil akka walqixa ta'anii boqonnaa ba'an taasiseera.
Goolii kan lammeessoo ammoo Ozil sarara ittisaa warra Leester cufaa fakkaatee mullate uree yeroo dabarsutti harka Beeleriin buute. Beeleriinis battaluma inni seenee daqiiqaa lama keessatti Eemeriik Awubaamaayaangiif tolchee gaafa kennuun goolii taateetti.
Taphataan lammii Gaabon Awubaamaayaang goolii tapha kanarratti lamaffaa galcheen cimina qabu dabaluu dhufuu isaa agarsiiseera.

Madda suuraa, Rex Features
Kanaaf, taphataan cimaa tapha kanaas Ozil ta'uun filatameera.

Madda suuraa, Rex Features

Madda suuraa, Rex Features
Leenjisaan warra Arsenaal Emiriin tapha tokkoo gara biraatti ciminni Ozil agarsiisaa jira adda jedheera.
Kanammoo beektuuree:
- Arsenaal erga bara 2017 as taphoota 10 hunda walitti aansuun mo'ateera.
- Leester taphoota 26 gara dirree Arsenaal deeman keessaa tokkollee hin mo'anne
- Leester taphoota Piriimer Liigii sadet dirree ala London keessatti taphatan hun mo'amaniiru
- Awubaamaayaang taphoota Piriimer Liigii 22 Arsenaaliif taphate keessatti gooliiwwan 21 argaman keessaa qoodaa qaba
- Ozil taphataa lammii Jarman Piriimer Liigiin Ingiliz keessatti lakkoofsa hedduu lakkoofsisan hunda caalera. Gooliiwwan 30 lakkoofsiseera.




















