Godaantonni galaanarra jooraa bahan Ispeeniin simataman

Madda suuraa, Reuters
Goodaantonni galaana Meediteraaniyaan keessaa baraaramaniifi Xaaliyaaniifi Maaltaan akka hingalle dhorkaman, buufata doonii Ispeen Vaaleenshiyaa gahaniiru.
Godaantoota 630 fi hojjettoota galaanaarraa konteenaroota sadiin torbee darbe baraaramantu amma buufata galaanaa gahe.
Ogeeyyiin Fayyaa, turjumaanonni fi hojjettootni Fannoo Diimaa gargaarsaaf qophaa'aniiru.
Mootummaan Sooshaalistii haaraan Ispeen, tajaajila fayyaa bilisaa kennuuf akkasumas dhimma kooluugaltoota hundaa qorachuuf waadaa galeeera.
''Gaaga'ama namoomaa hanbisuuf tumsuun, haala dirqama mirga namoomaa keenya hin faallesineen namootaa kanaaf buufata nagaa qophessuun hojii keenyadha'' jedhaniiru Ministirri muummee Pedroo Saancheez.
Erga torbee lama dura aangoo qabatanii boodas ejjennoo baqattootatti hin diinomne qabataniiru.

Madda suuraa, EPA
Godaantotni kun eenyu?
hojjeettoota galaanaarraan baraaramuu isaaniin dura godaantotni kunniin sa'aatii 20 galaanarra turaniiru. Ergasis galaanarra torbee tokkoof turanii dhukkuboota galaanaa ( seasickness) jedhamaniif saaxilamaniiru.
''Haalli qilleensaa akka tasaa ta'ee baayyee badaa ture galaanichis tasgabbaa'aa hin turre'' jetti Sofiyaa Biyuu hojjettuun dhaabbata gargaarsaa SOS Meditiraaniyaan.
''Kanaafuu namoonni haala rakkisaarra jiru..., amma bakka nagaa qubachuu isaanitti boqonnaatu itti dhagaahama.''
Godaantotni kunniin biyyoota garaagaraa 26 irraa dhufan. Akka ragaaleen ibsanitti harki caalaan isaanii(150tti) kan siiqan Sudaanii fi Naayijeeriyaarra wayita ta'an, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi Aljeeriyaa irraas ni baayyatu.
Waliigalatti hedduun isaanii biyyoota Afrikaa irraa ta'aniis, Afgaanistaan, Paakistaaniif Baanglaadeeshirraas jiru.
Qondaaltotni akka jedhanitti warreen baraaraman keessaa 123 kan ta'an dargaggeeyyii umurii 18 gadii fi kophaa imalan, 11 daa'imman waggaa 13 gadi fi torba ammoo dubartoota ulfa.
Maaltu isaan eeggata?
Duraan dursee godaantotni kun nyaataafi meeshaalee qulqullinaa, wantootni barbaachisoo biroon turtii isaanii mijataa taasisuu ni kennamaaf jechuun qondaalli Fannoo Diimaa Pedroo Reedoon BBCtti himeera.
Dubartootnii ulfaa hordoffii yaaliif ni geeffamu. Namoonni baraaraman kun hundi deeggarsa xiinsammuu ni argatu, mootummaan Ispeenis taajijala waldhaansa tolaa waadaa galeera.






















